Fana: At a Speed of Life!

Rakkoo nageenyaa uumame to’annaa tattamsa’inna vaayrasii koroonaa irratti dhiibba olaanaa uumu himame

Finfinnee, Waxabajjii 30, 2012 (FBC) – Guyyoota darban naannoo Oromiyaatti rakkoon nageenyaa uumame to’annaa tattamsa’inna vaayrasii koroonaa irratti dhiibba olaanaa uumu Biiroon Fayyaa naannichaa beeksise.

Hogganaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dooktar Mangistuu Baqqalaa rakkinichi tattamsa’ina vaayrasii koroonaaf carraa olaanaa uumeera jedhan.

Naannoowwan rakkinichaaf caalumatti saaxilamoo ta’an hojiin adda baasuu fi to’achuu hojjetamaa jirachuu ibsaniiru.

Hawaasni yeroo kam caala tattamsa’ina vaayrasichaa ittisuuf xiyyeffachuu akka qabanii fi ofeeggannoo taasisuu akka qaban himaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.