Fana: At a Speed of Life!

Rakkoo nageenyaa naannoo daangatti uumamu furuun tokkummaa ummattootaa cimsuuf hojjetamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Muddee 12, 2013 (FBC) – Rakkoo nageenyaa naannoo daangaa naannolee Oromiyaa fi Somaaleetti darbee darbee uumamu furuun hariiroo ummattootaa cimsuuf hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

 

Waltajjiin marii qaamolee bulchiinsaa fi nageenyaa aanaalee ollaa naannolee lameeni hirmaachise Baalee Bahaa Magaalaa Ginniiritti gaggeeffameera.

 

Qaamoleen bulchiinsaaf nageenyaa godina Baalee Bahaa aanaalee Raayituu, Laga Hidhaa fi Sawweenaa, akkasumas naannoo Soomaalee aanaalee Sallaahadii  fi Gahiidaa maricharratti hirmaataniiru.

 

Naannoo daangaa aanaalee ollaa kanneenitti walitti bu’iinsa sababa lafa dheedumsaa fi bishaan dhugaatiin uumamu mariin furuun ummattoota gidduttitti walitti dhufeenya gaarii uumuuf waltajjii gaggeeffame ta’uu ibdameera.

 

Maddi:- TOI

 

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

 

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

 

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.