Fana: At a Speed of Life!

Rakkoo nageenyaa naannichatti mudate qolachuuf hawaasa hunda hirmaachisuun tattaaffiin taasifameera- Obbo Ristuu Yirdaa

Finfinnee, Waxabajjii 6, 2014 (FBC) – Rakkoo nageenyaa naannoo Uummattoota Kibbaatti mudate qolachuuf hawaasa hunda hirmaachisuun tattaaffiin taasifamuu  Preezdaantiin naannichaa  Obbo Ristuu Yirdaa ibsan.

Naannichatti waltajjiin marii raawwii karoora hojii bara 2014 fi karoora bara 2015tti xiyyeeffate gaggeeffamaa jira.

Bara baajataa 2014tti akka biyyaatti weerara biyyarratti aggaamame qolachuu fi nageenya hawaasaa kabachiisuurratti hojii bal’aan hojjetamuu Obbo Ristuun kaasaniiru.

Naannichaatti dameewwan garaagaraan rakkoo nageenyaa mudate hawaasa hirmaachisuun dhaabuuf tattaaffiin taasifamuu dubbataniiru.

Damee qonnaan yaadonni haaraan calaqqisuu eeranii, keessumaa qamadii bona jallisiin misoomsuun bu’aan argame milkaa’aa ta’uu hmaniiru.

Naannichatti sanyii filatamaa fi dhiyeessii xaa’oo irratti hanqina mudate furuuf yaaliin taasifamuu kan kaasaan Obbo Ristuun, sagantaa Ashaaraa Magariisaaf qophiin biqiltuu fi hojiileen biroo hedduun hojjetamuu eeraniiru.

Hawaasa fayyadamtoota bu’uuraalee misoomaa taasisuuf proojektoota eegalaman harkifachuun mul’atus proojektoonni muraasni xumuramuu ibsaniiru.

Hanqina baajataa fi rakkooleen nageenyaa mul’ataa turan  harkifachuu proojektootaaf sababa ta’uu himaniiru.

Waltajjii mariichaarratti miseensota kaabinee naannichaa fi hooggantoonni hojii biroo hirmaachuu isaanii ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.