Fana: At a Speed of Life!

Rakkoo nageenyaa godina Matakkaliin walqabsiisee dabalataan hoggantonni olaanoo 2 shakkaman to’anna jala oolan

Finfinnee, Muddee 20, 2013 (FBC)- Naannoo Beenishaangul Gumuuz rakkoo nageenyaa Matakkaliin wal qabsiisee dabalataan hoggantoonni olaanoo 2 har’a to’annaa jala oolu Biiroon Bulchiinsa Nageenyaa naannichaa  beeksisee.

Itti aanaan biiricha obbo Muusaa Hamiid akka ibsanitti, har’a to’anna jala kan oolan keessaa bulchaa olaanaan godina Matakkal Aatinkuut Shittuu isaan tokkodha.

Inni biroon ammoo itti aanaa poolisii naannichaa Koshinaar Inispeektar Misgaanaa Injifataa, rakkoo nageenyaa

godina Matakkaliitti muudateen harka keessaa qabuun shakkamuun to’anna jala ooluusanii beeksisaniiru.

Nageenyi nannichaa bakka isaa duraatti hanga deebi’uutti rakkichaa keessaa harka kan qaban hoggantoota dabalatee namoota dhunfaa biroo adamsuun seeraatti dhiyeessuu cimee akka itti fufuu obbo Musaa ibsaniiru.

Kana dura haala walfakkataan rakkichaan kan shakkaman hoggantoonni olaanoo 7 fi miseensi poolisii tokko to’anna jala oolu ibsameera.

Maddi:-TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.