Fana: At a Speed of Life!

Rakkoo keessaa ba’uuf waliigaltee fi tokkumman hojjechuu qabna – Obbo Araggaa Kabbadaa

Finfinnee, Waxabajjii 14, 2016 (FBC) – Rakkoo keessaa ba’uuf waliigaltee fi tokkumman hojjechuu qabna jedhan Pireezidaantiin naannoo Amaaraa Obbo Araggaa Kabbadaan.

Naannoo Amaaraatti waltajjiin hoggantoota olaanaa gaggeeffamaa jira.

Yeroon kun yeroo murannoo hoggantootaa gaafatu ta’uu Pireezidaantiin naannichaa Obbo Araggaa Kabbadaan dubbataniiru.

Waayita qormaanni heddummate kanatti murannoon hoggantootaa murteessaa ta’uu himaniiru.

Caasaaleen sadarkaan jiran tokkummaa cimsuun hoggansa sirrii kennuu qabu jedhan.

Rakkoolee jiran adda baasuu, irratti mari’achuu fi rakkoo furuuf tokkummaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.