Rakkoo jijjiirama qabeenya qilleensaa waarinaan furuuf deebii qabatamaa hojiirra oolchuu akka barbaachisu amanti-Obbo Tamasgeen Xurunaa
Finfinnee, Waxabajjii 26, 2016 (FBC)-Rakkoo jijjiirama qabeenya qilleensaa waarinaan furuuf deebii qabatamaa hojiirra oolchuu akka barbaachisu amanti jechuun Ministirri Muummee Ittaanaa Obbo Tamasgeen Xurunaa ibsan.
Obbo Tamasgeen Xurunaan hojiirra oolmaa karoora deebii kennuu jijjiirama qabeenya qilleensaa fedhiirratti bu’uureffatee eegalchiisaniiru.
Itiyoophiyaan jijjiirama qabeenya qilleensa ajandaa misoomaa taasisuun hojjechaa akka jirtu eeruun, damichaaf deebii kennuun, ofirra dabartee hojii biyyoota ollaa fayyadamtoota taasisu hojiirra oolchaa akka jirtu eeraniiru.
Diinagdee jijjiirama qabaeenya qilleensaan hinraafamne ijaaruu fi walsimsiisuun tarkaanfachiisuuf hoggansi xiyyeeffannaa fi itti gaafataman hojjechuu akka qabu hubachiisaniiru.
Karoora jiru dhugoomsuufis seerotaa fi imaammatoota ba’an hojiirra oolchuu, fandii barbaaduu fi bu’aalee argaman gamaaggamuun raawwii fooyya’aa dhugoomsuun barbachisaa ta’uu kaasaniiru.
Ministirri Ministeera Misoomaa fi Pilaanii Dooktar Fitsum Asaffaan gama isaaniin, hojiirra oolmaan kun egeree Itiyoophiyaa bocuuf ni gumaacha jedhan.
Galmaa fi kaayyoo qabaman itti fufsiisuuf qabatamaatti jijjiiruu fi raawwii isaa gamaaggamuun bu’aa argamsiisuuf kutannoo hundaa kan gaafatu ta’uu dubbataniiru.
Karoorri deebii kennuu jijjiirama qabeenya qilleensaa fedhiirratti bu’uureffatee yeroo 2ffaaf fooyyeffamuun kan qophaa’ee fi bara 2013-2022’tti kan hojiirra oolu ta’uun ibsameera.
Firehiiwot Saffiiwutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia