Rakkoo Hongee Godina Boranaatti uumameen walqabatee harcaatii barattootaa muddatu xiqqeessuuf hojjetamaa jira
Finfinnee, Guraandhala 17, 2015 (FBC) – Rakkoo Hongee Godina Boranaatti uumameen walqabatee harcaatii barattotaa muddatu xiqqeessuuf dhiyyeessii bishaanii manneen barnootaarratti hojjetamaa jiraachuu ibsameera.
Godinichatti manneen barnootaa mootummaa 458 jiran keessatti baratootni kuma 100fi kuma 74 ol bara barnootaa 2015’f galmaa’an keessaa baratootni 7800 hongee dabalatee sababota garaagaraan harca’u Waajjirri Barnoota Godina Booranaa beeksiiseera.
Harcaatiin barattootaa kun harka caaluun hongee godinicha qunnameen maatiin gara giddu galoota buqqaatoota hongeetti godaanuun fi hanqinni bishaanii isaan ijoo ta’u Itti gaafatamaan waajjira barnootaa godinichaa Obbo Tasfaayee W/mikaa’eel fbc’tti hinaniiru.
Hongee mudate hordofee sababa obboboleettiin manneen barnootaa 47 diigamuus eeraniiru.
Rakkoolee hongeen walqabatee adeemsa baruuf barsiisu irratti dhiibbaa uuman keessaa hanqina bishaanii furuuf manneen barnotaaf kuusaa bishaanii qopheessuun bootteen bishaan akka argatan taasifamaa jiraachuu himaniiru.
Manneen barnootaa kuusaa bishaanii hin qabne 76 keessaa 65’f kuusaan bitamuu ibsaniiru.
Haa ta’u malee baayyinni konkolaatoota boottee godinichi qabu xiqqaachuufi maddooni bishaanii baayyeen gogguun yaalii taasifamaa jiru danqaa jiraachuu kaasaniiru.
Mannen barnootaa bubbeen diigaman deebisanii ijaaruuf meeshaaleen ijaarsaa Birrii miiliyoona shaniin bittaan raawwachuun 21 ijaarsi eegaluus dubbataniiru.
Hanqina nyaataan barattootni akka mana barumsaa irraa hin hafne nyaatnii Birrii miiliyoona 45’ bitameera jedhan.
Dhiibbaa gahaa jiru hedduu ta’u eeruun deegarsi taasifamaa jiru cimee akka itti fufus gaafatameera.
Muluu Waaqshumeetu gabaase.
#Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.