Fana: At a Speed of Life!

Rakkoo har’aa utuu hintaane firii borii yaaduun barri ittaanu gaarii akka ta’uu waloon hojjechuu qabna-Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Hagayya 17, 2016 (FBC)- Rakkoo har’aa utuu hintaane firii borii yaaduun barri ittaanu gaarii akka ta’u waloon hojjechuu qabna jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Dooktar Abiy Mgaalaa Asoosaatti duula Ashaaraa Magariisaa Sadarkaa Biyyaalessaatti gaggeeffamerratti hirmaachuun biqiltuu dhaabaniiru.

Saganticharratti ergaa dabarsaniinis, sagantaan Ashaaraa Magarisaa egereen Itiyoophiyaa ifaa akka ta’uuf bu’uura kan kaa’uudha jedhan.

Dhaloonni biyya isaa jaallatu, har’arra mul’ata borii qabaatee walta’iinsaan kan hojjetu ta’uu eeranii, sagantaan Ashaaraa Magariisan milkaa’inni galmaa’aa jiru kanuma kan mirkaneessu ta’uu dubbataniiru.

Rakkoo har’aa utuu hintaanes firii borii yaaduun barri ittaanuu ifaa akka ta’uu waloon hojjechuu qabna jedhaniiru.

#Oromia #Ethiopia #Ashaaraa_Magariisaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.