Fana: At a Speed of Life!

Rakkoo garaagartee seenaa muul’atu hiikuuf hayyoonni damichaa ga’ee isaanii akka ba’atan waamichi dhiyaate

Finfinnee, Muddee 27, 2014 (FBC)- Rakkoo garaagartee seenaa muul’atu hiikuuf hayyoonni damichaa ga’ee isaanii akka ba’atan waamichi dhiyaachuu ibsame.

Ministeerri Nageenyaa yuunvarsiitii Finfinnee waliin ta’uun mata duree “Gumaacha seenaa fi  ga’ee hayyoota seenaa waliigaltee biyyaalessaaf ” jedhuun waltajjii marii gageessaa jira.

Sababni seenaa irratti waliigalteerra hin ga’amneef akkaataa seenessaa fi hiikkaa kennamuun ta’uu Ministir Deetaan Ministeera Nageenyaa obbo Taayyee Danda’aa waltajjichaan kaasaniiru.

Seenaa kaleessaarraa barannee nageenyaa fi guddinaaf akka itti fayyadamnuuf hayyoonni ga’ee isaanii ba’achuu qabu jedhaniiru.

Akkaataan barreeffama seenaa ogummaa bu’uureffate dhibuun dabuu seenaatiif rakkoo isa ijoo ta’uu hayyuun seenaa Proofeesar Baahiruu Zawudee ibsaniiru.

Maddi seenaa ibsamuu dhabuun rakkoo biraa ta’uu kaasaniiru.

Giddu seentummaan siyaasaa fi ilaalchi hundi sirrii hundi ammoo dogoggora jedhu garaagartee seenaatiif ka’umsa ta’uu ibsaniiru.

Waltajjicharratti hayyoonni, miseensonni paartilee siyaasaa fi keessummoonni waamichi taasifameef argamaniiru.

Gammachiis Taarikuutu gabaase.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.