Fana: At a Speed of Life!

Rakkoo Dubartootaa fi daa’immanirra ga’u ittisuuf qooda fudhattoonni qindoominaan hojjechuu qabu jedhame

Finfinnee,Gurraandhala 9, 2014 (FBC) – Rakkoo Dubartootaa fi daa’immanirra ga’u ittisuuf qooda fudhattoonni qindoominaan hojjechuu akka qaban ibsameera.
Jilli Ministira Ministeera Haqaa Dooktar Giidiyoon Xiimootiwoosiin durfamu Giddu gala Tajaajila Qindaa’aa iddoo tokkoo Koolleejjii Fayyaa Hospitaala Adaamaa daawwate.
Giddu galeessichi miidha saal quunnamtii dubartootaa fi shamarran irra qaqqabu ittisuuf kan hojjetu yoo ta’u qindeessummaa Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Magaalaa Adaamaatiin Waajjira Barnootaa, Waajjira Fayyaa, Qajeelcha Poolisii fi Mana Murtii Magaalaa Adaamaa waliin qindoominaan hojjechaa jira.
Bakka tajaajilaa iddoo tokko kanatti dubartootaa fi daa’imman miidhaan saal quunnamtii irra ga’eef tajaajila fayyaa bilisaa guutuu, tajaajila gorsa xiinsammuu, tajaajila qorannoo fi seeraa fi tajaajila hawaasummaa kan kennu ta’uu itti Gaafatamtuun Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Magaalaa Adaamaa Aadde Azeeb Taaddasee ibsaniiru.
Hoji hojjetamaa tureen dubartootaa fi daa’imman rakkoo saalquunnamtiin miidhamaniif haqa baasuu fi rakkoo xiinsammuuf akka hin saaxilamneef hojiin boonsaan hojjetameera jedhan.
Sirna daawwannaa kana irratti hoggantoonni Biiroolee Abbaa Alangaa Naannolee dabalatee dhimmamtoonni biroo argamaniiru.
Hooggantuun Biiroo Abbaa Alangaa Oromiyaa Aadde Addunyaa Ahimad yaada laataniin tokkummaa fi qindoominaan hojjennaan rakkoon hin hiikamne hin jiru jedhan.
Oromiyaa keessatti tajaajilli iddoo tokkoo bakkoota 22tti banuuf hojjetamaa jira jedhan.
Ministirri Ministeera Haqaa Federaalaa Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos yaada laataniin dubartootaa fi daa’immaniif dursa kennanii rakkoo isaan irra ga’u ittisuu fi warra rakkoon irra ga’e xiinsammuu isaanii eegaa fayyummaa isaaniif hojjechuun dhimma biyya rakkoo irraa baraaruudha jedhaniiru.
Hojii magaalaa Adaamaatti hojjetamaa jiru kana irraa hoggantoonni Biiroolee Abbaa Alangaa Naannolee biyyattii irraa dhufan hunduu muuxannoo fudhachuun qabu jedhan.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.