Fana: At a Speed of Life!

Rakkoo addaan ciccituu elektirikii hambisuuf baasii Birrii biiliyoona 26’n hojjetamaa jiraachuun ibsame

Finfinnee, Caamsaa 8, 2015 (FBC)-Rakkoo addaan ciccitiinsaa ibsaa Ityoophiyatti mudachaa dhufe hambisuuf akka biyyaalessatti Birrii biiliyoona 26 ramadamuun hojiin fooyyessaa fi irraa deebiin ijaaruu gaggeeffamaa jiraachuu Tajaajilli Elektirikii Ityoophiyaa ibse.

Hoji Raawwachiisaa Olaanaan tajaajilichaa Obbo Shifarraa Taliilaa FBC waliin turtii taasisaniin, sararoota hundaa si’a tokkottii waliin gahuun waan hindanda’amneef Finfinneetti qofaa sararootaa humnaa fudhatanii fi kennaniif xiyyeeffannaa kennuun baajata Birrii biiliyoona 10 ramaduun hojiin fooyyessaa hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Utubaawwan elektirikii dullooman konkiriitiitti jijjiiruun akkasumas kondaaktaroota olaanoo fi humna qabanitti jijjiiruuf hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

Hojiin deebisanii ijaaruu Finfinneen alatti Magaalota Adaamaa, Baahirdaar akkasuma magaalotaa naannolee saddeetitti hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Dabalataan, Magaalota Harar, Shaashamannee, Walaayittaa, Goondar, Dabramaariqoosii fi Kombolchaatti ijaarsi gaggeeffamaa jiru %70 ga’uu himaniiru.

Keessumaa wayita Gannaa rakkoo addaan ciccitiinsaa elektirikii mudatu hambisuuf sararoota dabarsa elektirikii irratti sakattaa fi suphaan gaggeeffamaa jiraachuu eeraniiru.

Masfiin Iyyaayyutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.