Rakkolee sirna barnootaarratti hudhaa ta’an jedhamanirratti Ministeerri Barnoota Yuunvarsiitii Jimmaatti mari’ate
Finfinnee, Bitootessa 9, 2014 (FBC) –Ministirri Ministeera Barnoota Proofeesar Birhaanuu Naggaa rakkolee sirna barnootaarratti hudhaa ta’an jedhamanirratti Yuunvarsiitii Jimmaatti mari’ataniiru.
Proofeesar Barhaanuu Naggaa fi Ministir deetaan Ministeera Barnoota Dooktar Faantaa Balaay har’a wayita Yuunvarsiitii Jimmaa daawwataniitti sadarkaa sirna barnoota Ityoophiyaa irra jiru ifatti ka’aaniiru.
Sirna barnootaa kufaatiirra oolchuu fi dhaloota rakkoo akka biyyatti dhufuu hiikuu furuurrattis mari’ataniiru.
Marichi bifuma walfakkatuun Yuunvarsiitii Boongaatti akka itti fufuu beekameera.
Abeeneezar Taayyeetu gabaase
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.