Ragaa Sobaa
Finfinnee, Amajjii 8, 2017 (FMC)- Kanaadaatti carraa barnootaa fi hojii mijeessuuf bakka bu’iinsi seera qabeessaa Ministira Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Ximootiwoosiin kan kennameef fakkeessuun, Xalayaa seeraan alaa qopheessuun qaamoleen tamsaasan jiraachuu Ministeerri Dhimma Alaa hubachiise.
Xalayaan maqaa Ministira Dhimma Alaan caqafamee tamsa’aa jirus soba ta’uu beeksiseera.
Gochaa yakkaa akkanaa qaamolee raawwachaa jiran seeraan gaafatamoo taasisuuf qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin hojjechaa jiraachuus eereera.
Hawaasnis kana hubachuun burjaajessitootarraa akka of eegu hubachiisuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia