Fana: At a Speed of Life!

Raayyichi harka tokkoon diinota Ityoophiyaa qolachaa, harka biraan dhalootaaf ashaaraa kaa’aa jira-L/J Yilmaa Mardaasa

Finfinnee, Waxabajjii 29, 2014 (FBC)- Raayyaan Humna Qilleensaa harka tokkoon diinota Ityoophiyaa qolachaa harka biraan dhalootaaf ashaaraa kaa’aa jirachuu Ajajaan Olaanaan Humna Qilleensaa Ityoophiyaa Leetanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa ibsan.

Miseensonni Mana Maree Magaalaa Finfinnee, mooraa Humna Qilleensaa Ityoophiyaa Bishooftutti argamu keessa biqiltuu dhaabuun ashaaraa isaanii kaa’aniiru.

Ajajaa Olaanaa Humna Qilleensaa Ityoophiyaa leetenal jeneraal Yimaa mardaasaan, yeroo ammaa addunyaan jijjiirama qabeenyaa qilleensaan dhiibbaan umamaa kan jiru ta’uu eeruun, hunduu Ashaaraa Magariisaaf xiyyeeffannaan hojjechuu qaba jedhaniiru.

Humni qilleensaas harkaa tokkoon diinota Ityoophiyaa qolachaa harkaa biraan ammoo dhalootatti kan darbu ashaaraa margariisaa kaa’aa jira jedhaniru.

Hojiin ashaaraa magariisaa sadarkaa addunyaatti gochaa galteeffachiisuudha jedhaniiru.

Miseensonni Mana Maree Magaalaa Finfinnee daawwannaa mooraa humna qilleensichatti taasisaniin hojiilee hojjetamaa jiraniif galateeffatani, humni qilleensaa birmadummaa biyyaa fi nageenyaa ummataa kabachiisuuf yeroo kamiyuu caalaa qophii ta’uu mirkanessuu Tajaajillii Oduu Ityoophiyaa gabaaseera.

Haaluma walfakkaatuun, Ministeerri Raayyaa Ittisaa sagantaa ashaaraa magariisaa 2014 eegalchiiseera.

Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisaa Dooktar Abirahaam Balaay, duulli ashaaraa magariisaa sadarkaa ministeera ittisaatti duulli biqiltuu dhaabuu ajajootaa hundaa fi kutaalee waraanaa hundaatti cimee kan itti fufuudha jedhaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.