Fana: At a Speed of Life!

Raayyichi dirqama itti kenname bahaachuun cinaatti gama hojii misoomaan bu’aan galmeessaa jiru kan dinqisiifamuudha – Fiildi Maarshaal Biraanuu Juullaa

Finfinnee, Mudde 9, 2016 (FBC) – Raayyaan Ittisa biyyaa dirqama itti kenname bahaachuun cinaatti gama hojii misoomaan bu’aan galmeessaa jiru kan dinqisiifamu ta’uu Itaamaajooriin Humna Waraanaa waliigalaa Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaan ibsan.

Marii paanaalii Fawundeshiniin Raayyaa Ittisa biyyaa qopheesserratti kan argaman Itaamaajoor waliigalaa Raayyaa Ittisa biyyaa Fiildi Maarshaal Biraanuu Juullaa raayyichi bakka hundatti hojii misoomaarratti hirmaachaa jiraachuu himaniiru.

Hojiin gama hundaan hojjetamaa jiru kan dinqisiifamu ta’uu eeraniiru.

Misooma qonnaan kanneen hojii fakkeenyumma qabu hojjetan, lafa xiqqaaraa callaa fooyya’aa oomishan akkasumas dameewwan hojii qonnaa biroorratti hirmaataniif beekamtiin kennameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.