Fana: At a Speed of Life!

Raayyichi dirqama birmadummaa biyya tiskuu itti kenname ga’umsaan ba’uu cimsee itti fufeera – M/J Tashoomaa Gammachuu

Finfinnee, Sadaasa 13, 2016 (FBC) – Raayyaan Ittisa Biyyaa dirqama birmadummaa biyya tiskuu itti kenname cimsee itti fufuu Raayyaa Ittisaatti Daayrektarri Olaanaan Hariiroo Alaa fi Tumsa Waraanaa Mejar Jieneraala Tashoomaa Gammachuun ibsaniiru.

Itiyoophiyaan nageenyaa fi tasgabbii biyyoota ollaa fi naannawaa kabachiisuu keessatti qooda qabdu cimsitee kan itti fuftu ta’uu kaasaniiru.

Raayyaan Ittisaa Itiyoophiyaa yeroo kamiiyyuu caalaa dandeetti isaa cimsachuun, Teeknooloojii fi humna namaan gurmaa’uun wabii amansiisaa biyyaa ta’uun hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Birmadummaa daangaa Itiyoophiyaa kabachiisuu, nageenyaa fi tasgabbii biyyaa eegsiisuuf ergama itti laatame ga’umsaan ba’aa jiraachuu dubbataniiru.

Dippiloomaasiin Waraanaa Itiyoophiyaa wal amantaa fi fayyadamummaa waloorratti kan hundaa’e ta’uu eeruun, gama kanaan hojii jajjabeessaan hojjetamaa raawwachuu ibsaniiru.

Hojiin dippiloomaasii waraanaa cimee kan itti fufu ta’uu dubbachuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.