Fana: At a Speed of Life!

Raayyaan keenya waardiyyaa biyyaa qofa osoo hin taane humna misoomaaa ta’uu gochaan agarsiisaa jira – Leetanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa

Finfinnee, Adoolessa 6, 2014 (FBC) – Raayyaan keenya waardiyyaa biyyaa qofa osoo hin taane humna misoomaa ta’uu gochaan agarsiisaa jira jedhan Ajajaa olaanaan humna Qilleensaa Ityoophiyaa Leetanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan.

Hojjettoonnii fi hoggantoonnii humna Qilleensaa Ityoophiyaa ‘qulqulleessuu, miidhaksuu fi misoomsuu’ mata duree jedhuun sagantaa ashaaraa magariisaa eegalaniiru.

Ajajaa olaanaan humna Qilleensaa Ityoophiyaa Leetanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan lafa misoomaa bal’aa dhaabbaticha keessatti argamu misoomsuuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Kanaanis jireenya raayyichaa fooyyessuuf karoorfamuu kaasaniiru.

Raayyaan humna qilleensaa daangaa biyyaa kabachiisuu qofa osoo hin taane humna misoomaa ta’uu ibsaniiru.

Maddi:- TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.