Fana: At a Speed of Life!

Raayyaan Ittisaa Ityoophiyaa gumaacha Somaaliyaatti nageenya buusuuf taasiiseef beekkamtiin laatame

Finfinnee, Hagayya 18, 2015 (FBC) – Raayyaan Ittisaa Ityoophiyaa Gamtaa Afrikaa jalatti Somaaliyaatti nageenya waaraa mirkaneessuuf gumaacha taasiiseef beekkamtiin laatameefira.

Miseensota Raayyaa Ittisaa Ityoophiyaa Somaaliyaatti nageenya waaraa mirkaneessuuf ergama isaanii waggaa 1 ga’umsaan xumuraniif beekkamtii fi badhaasni meedaaliyaa laatameera.

Raayyaan Ittisaa Ityoophiyaa Raayyaa Ittisaa Jibuutii fi Somaaliyaa waliin qindaa’uun naannawwaa Beeleeteeweeyin, Haalgaanii, Mahaas Hiiraanii fi Gaalgaaduuditti ergama ga’umsa qabu raawwachuu isaa ragaan fuula Somaaliyaatti ergama yeroo Gamtaa Afrikaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.