Fana: At a Speed of Life!

Raayyaan Ittisaa diina kamiiyyuu qolachuu danda’u ijaarame – Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa

Finfinnee, Hagayya 30, 2016 (FBC) – Raayyaan Ittisaa diina kamiiyyuu qolachuu danda’u ijaaramuu Itaamaajooriin Waliigalaa Raayyaa Ittisaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan ibsan.

Guyyaan Hundeeffama Ajaja Bahaa waggaa 47ffaan Magaalaa Jigjigaatti sagantaalee garaagaraan kabajamaa jira.

Itaamaajooriin Waliigalaa Raayyaa Ittisaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa, Pireezidaantii Naannoo Somaalee Obbo Musxafee Mahaammad dabalatee qondaaltoonni Olaanoon Raayyaa Ittisaa saganticharratti argamaniiru.

Ajajni Bahaa Humnaa diina bal’aa ta’e qolachuun birmadummaa biyyaa kan kabachiise goota mallattoo biyyaa ta’uu Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan dubbataniiru.

Raayyaan Ittisaa diina qocholtuu kamiiyyuu qolachuu danda’u ijaaramuu eeraniiru.

Ayyaanichi Qaammee 1 – 2, 2016 magaalaa Hararitti sirna hoo’aa ta’een kan kabajamu ta’uun eerameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.