Fana: At a Speed of Life!

Raayyaan Ittisaa dahoo xumuraa nageenyaa ta’uu isaan ummataa fi biyya keenyaaf yeroo kamiiyyuu ni hojjenna – Fiild Maarshaal Birihaanuu Juulaa

Finfinnee, Gurraandhala 20, 2014 (FBC) – Qajeelchi Waliigala Humna Qilleensa Ityoophiyaa balaliiftoota, Teeknishaanootaa fi Poolisii qilleensaa leenjisaa ture eebbisiiseera.

Raayyaan Ittisaa dahoo xumuraa nageenyaa ta’uu isaan tasgabbii ummataa fi biyya keenyaaf yeroo kamiiyyuu ni hojjenna jedhan Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Humna Waraanaa Fiild Maarshaal Birihaanuu Juulaan sirna eebbichaarratti argamuun haasawa taasiisan.

Dhamaatii fi bu’aa ba’ii guddaa booda miseensonni Badhaasaa fi Guddina sadarkaa guddinaa argatan baga gammaddan jedhan.

Humni Qilleensaa gaachana Raayyaa Ittisaa ta’uu isaan, humna kana cimsuun dandeettii Humna Galaanaas dabaluu ta’uu dubbataniiru.

Humna Qilleensaa dandeentii fi ga’umsa olaanaan cimsuuf murannoon hojjechaa jirra jedhan.

Humna Qilleensaa Ityoophiyaa giddu gala muuxxannoo Afrikaa taasiisuuf hojjetamaa jiraachuu Fiild Maarshaal Birihaanuu Juulaan ibsaniiru.

Hojiilee waggootan lamaan darban hojjetamaniin jijjiirramni guddaan argamuu kaasaaniiru.

Yisimaaw Adraatu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.