Fana: At a Speed of Life!

Raayyaan Ittisaa Biyyaa ergama kamiyyuu raawwachuuf haala gaarii irratti argama – Ministeera Raayyaa Ittisaa Biyyaa

Finfinnee, Onkololeessa 3, 2013 (FBC) – Raayyaan Ittisaa Biyyaa ergama kamiyyuu raawwachuuf haala gaarii irratti kan argamuu ta’uu Ministirri Raayyaa Ittisaa Dooktar Qana’aa Yaadataa ibsan.

Ministirichi raawwii hojii kurmaana jalqaba waggaa 2013 ilaalchisuun guyyaa har’aa ibsa laateera.

Ibsa isaan Rayyaan Ittisaa Biyyaa fudhatama argachaa dhufeera kan jedhan Dooktar Qana’aan; dhaabbata bilisa ta’e uumuun danda’amuu beeksisaniiru.

Rayyaan Ittisaa siyaasarra bilisa ta’ee heera mootummaa bu’uura godhachuun ergama isaa bahachaa jiraachuus himaniiru.

Ijaarsa nageenyaa nannoolee ilaachisee hojiiwwan qophii hojjetamaa turuu ibsaniiru.

Hariiroon Raayyaa Ittisa biyyaa poolisii federaalaa fi naannoo akkasumaas qaamoolee nageenyaa waliin qaban gaarii ta’uu eeraniiru.

Damee ijaarsa dandeettiin ilaalchisee tarsiimoo ijaarsa dandeettii mootummaan kaa’een hojiiwwan hojjetamuu kaasaniiru.

Kanaanis, ijaarsa humna namaa, ijaarsa dandeettii teeknooloojii fi hojiiwwan biroon hojjetamuu ibsaniiru.

Nageenya naannoo waliin eeguu fi tumsa naannoo cimsuuf hojiin dippilomaasii loltummaa hojjetamaa jiraachuu hubachiisaniiru.

Rakkino nageenyaa godina Matakkalitti uumame dhaabsisuu fi naannichatti nageenyi akka uumamuuf raayyaan ittisaa komaandi postii naannichatti argamuun waliin hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Oduun Fulbaana 30 booddee mootummaan hin jiru jedhamee odeeffama ture Ityoophiyaa sirriitti beekuu dhabuu fi hubachuu dadhabuu irraan kan dhufe ta’uu eeruun, Fulbaana 30 booddee mootummaan aka jiru argaa jirraa jedhaniiru.

Hayleyesuus Deebisaatu gabaase.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.