Fana: At a Speed of Life!

Raayyaan Ittisa Biyyaa yeroo ammaa Humaraa hanga Shiraarootti iddoolee garaagaraa to’annoo jala oolchaa jira –  M/J Mahaammad

Finfinnee, Sadaasa 2, 2013 (FBC) – Raayyaan Ittisa Biyyaa yeroo ammaa Humaraa hanga Shiraarootti haleeluun iddoolee garaagaraa to’annoo jala oolchaa jiraachuu daayreektarri olaanaan Indooktiriineeshinii Meejar Jeneraala Mahaammad Tasammaan beeksisan.

Jiraattoota iddoolee to’annoo jala oolan keessa jiraataniif deeggarsa barbaachisuu taasisuuf qaamoolee mootummaa dhimmichi ilaallatu waliin dubbatamaa jiraachuu eeraniiru.

Gareen finxaaleyyii ABUT warshaa uffataa Almaadaatti uffata dambii Raayyaa Ittisa Biyyaa Eeritraa oomishuun hidhatoota isaatti uwwisuun akka Eeritraan biyya weeraraa jirtuutti olola gaggeessaa jiruun ummanni burjaaja’aa jiraachuu himaniiru.

Ummanni diraamaa gareen finxaaleyyii hojjetaa jiru kanaan osoo hin burjaaja’iin deeggarsa raayyaa Ittisa biyyaaf taasiisaa jiru cimsee itti fufuu akka qabu gaafataniiru.

Maddi:-TOI

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.