Raayyaan ittisa biyyaa uummata biyyaatti maraaf kan tajaajiluu malee qaama tokkoof kan dhaabbatu miti-J/L Baacaa Dabalee
Finfinnee, Waxabajjii 26, 2013 (FBC)- Raayyaan Ittisa Biyyaa FDRI uummata biyyaatti maraaf kan tajaajiluu malee kan qaama tokkoof dhaabbatu miti jechuun Leetinaal Jeneraal Baacaa Dabaleen ibsaniiru.
Kolleejjin Teeknikaa Poolii Meejar Jeneeraal Mulugeetaa Bulii barattoota ogummaa garagaraan leenjiisaa ture 265 har’a eebbisiseera.
Kolleejjichi barattoota eebbisise keessaa Raayyaa Ittisa Biyyaa dabalatee miseensonni Poolisii Mana Sirreessaa Federaalaa fi kan Soomalii Laandis keessatti argamu.
Sirna eebba kana irratti Qindeessaa Olaanaan Hojiilee Ijaarsa Humna Waraanaa Leetanaal Jeneraal Baacaa Dabalee, hoggansa olaanoo Raayyaa Ittisa Biyyaafi Kantibaa Magaalaa Hoolataafi maatiin eebbiffamtoota argamaniiru.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.