Fana: At a Speed of Life!

Raayyaan ittisa biyyaa Askuum Adwaa fi naannoo Aaddagiraat to’ateera

Finfinnee, Sadaasa 11, 2013 (FBC) – Raayyaan ittisa biyyaa Askuum Adwaa fi naannoo Aaddagiraatiin to’achuu Qulqulleessaan Ragaa Yeroo Labsii Ariifachiisaa beeksise.

Raayyaan ittisa Biyyaa Ityoophiyaa Goondar dhihaatti garee ABUT irratti tarkaanfii fudhachuun erga Shiree darbee Saalahilaahatti da’annaan humna ABUT mudatee ture jedhameera.

Saalahilaaharratti daandii da’annaa garee juntaa doozariin aspaalticha erga diigee booda bakkichatti ittisa cimaa taasiseera jedhame.

Raayyaan ittisa biyyaa humna ittisa juntaa cabsee seenuun Aksumiin guutuumma guutuutti to’ateera.

Imalaa Aksuumii gara Adwaa tureen iddoowwan tokko tokkootti humni juntaa ittisuuf yaadus raayyaan ittisa biyyaa injifateera.

Raayyaan ittisa Intichoo fi naannoo Aaddagiraatiin to’atee gara magaalaa Aaddagiraatti imalaa jira.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo

https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.