Raayyaan Ittisa Biyyaa naannawaa hidha haaromsa guddichaatti dirqamasaa haalaan ba’achaa jiraachuu ibsame
Finfinnee, Sadaasa 15, 2014 (FBC) – Raayyaan Ittisa Biyyaa naannawaa hidha haaromsa guddichaatti nageenya amansiisaa buusuun dirqamasaa haalaan ba’achaa jiraachuu ibsameera.
Naannichatti Poolisiin Federaalaa, Poolisiin Naannolee Amaaraa, Gaambeelaa, Sidaamaa, Uummattoota Kibbaa fi Beenishaangul Gumuz Raayyaa Ittisa Biyyaa cinaa hiriiruun ergama isaanii gootummaan ba’achaa jiraachuu ibsameera.
Diinni naannicha jeequuf karaa ergamtoota isaa irra deddeebiin yaalii taasisus qaamolee nageenyaan adabbii cimaa adabamuu ibsameera.
kutaawwan waraanaa fi miseensonni humna addaa naannolee bakkichatti bobba’an dammaqinaan dirqama isaanii ba’achaa jiraachuu ragaan Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.