Fana: At a Speed of Life!

Raayyaan ittisa biyyaa Maqalee fi garee juuntaa to’achuuf iddoolee ijoo qabate

Finfinnee, Sadaasa 18, 2013 (FBC) – Raayyaan ittisa biyyaa Maqalee fi garee juuntaa to’achuuf iddoolee ijoo qabate.
Hawzeen, Al Najaashii, Aaddiiqayyah, Maaymasaanoo fi Wuqroo juunticha jalaa bilisa baasun danda’ameera.
Qajeelcha leenjii gamtaa raayyaa ittisaatti hogganaa kan ta’an Leetanaal Janaraal Hasan Ibraahiim hojiin olaantummaa seeraa kabachiisuu fi Tigraay juntaa jalaa bilisa baasuu itti fufuu ibsan.
Raayyaan ittisaa FDRI adda Adwaatin Hawzeen, Abrahaa Wa’atsbahaa fi Wuqroo kan to’ate yoo ta’u, Agulaa guyyaa walakkaatti to’ateera.
Yeroo ammaas Maqaleetti dhiyoo kan ta’e gara gaara Masoobootti imalaa jira.
Kallattii biraatin Addagiraatin, Saanqaxaa fi Alnajaashii to’ateera.
Karaa adda Raayyatiin ammoo Aaddiiqayyih to’achuun, Heewaanaa to’atee da’annaawwan juuntaa caccabseera.
Ummanni Tigraay raayyadhaaf deeggarsa taasisaa jiraachuus beeksisaniiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.