Fana: At a Speed of Life!

Raayyaan Ittisa Biyyaa lammiilee hongeen miidhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 220 taasise

Finfinnee, Bitootessa ,2015 (FBC)- Raayyaan Ittisa Biyyaa kutaalee biyyattIi garaagaraatti lammiilee hongeen miidhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona dhibba 2fi miiliyoona 20 taasisuu ibsameera.

Ministir Deetaan Ministeera Raayyaa Ittisaa Biyyaa Maartaa Luwiijiin, Raayyaan Ittisa Biyyaa nageenya biyyaa eegsisuufi kabachisuun cinaatti rakkoo sababa ummamaa fi namtolcheen mudataniin laammiilee midhamaniif deggarsa taasisuu ibsaniiru.

Haaluma kanaan Ministeerichi lammiilee naannoo Oromiyaa hongeen miidhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 100 ,Naannoo Somaaleef Birrii miiliyoona 50 , Naannoo Kibbaaf Birrii Miiliyoona 40 fi Naannoo Amaaraa Godina Waghimaraaf Birrii miiliyoona 30 taasisuu eeraniiru.

Raayyaan Ittisaa gara fuula duraattis aantummaa laammiisaaf qabuu ni mirkanneessa jechuusaanii TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.