Raayyaan Ittisa Biyyaa guyyaa har’aa buufataalee garee shororkeessaa lama haleele
Finfinnee, Onkololeessa 29, 2014 (FBC) – Raayyaan Ittisa Biyyaa guyyaa har’aa buufataalee garee shororkeessaa lama xiyyaaraan haleeluu ibsameera.
Ibsa tajaajilli Kominikeeshinii Faanaa Broodkaastiing Koorporeetiif ergeen, guyyaa har’aa naannoo Raayyaa bakka Araddaa Baataa jedhamutti kan argamu giddugala leenjii loltummaa ABUT humni qilleensa Ityoophiyaa haleeluu ibsameera.
Bakkichatti ergama shororkeessummaaf kan filataman hidhattoonni baay’een leenji’aa kan jiran ta’uu eerameera.
Bifuma walfakkaatuu daangaa Walloo Kaabaa fi Affaaritti bakka Kiiliwaa yookaan Hajii Meedaa jedhamutti kan argamu giddugala leenjii fi kuusaa loojistikii garichaa haleeluu ibsameera.
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.