Fana: At a Speed of Life!

Raayyaan Ittisa Biyyaa fi ABUT walharkaa fuudhiinsa meeshaalee waraanaa guguddaa gaggeessuu eegalan

Finfinnee, Amajjii 3, 2015(FBC)- Bu’uura waliigaltee Afrika Kibbaa fi Keeniyaatti taasifameen Raayyaan Ittisa biyyaa fi ABUT walharkaa fuudhiinsa meeshaalee waraanaa guguddaa gaggeessuu eegalaniiru.

Raayyaan Ittisa Biyyaa akka beeksisetti, walharkaa fuudhiinsichi Magaalaa Maqaleerraa kiiloo meetiraa 36 fagaattee kan argamtu Kaampii Agulaatti ta’uun eerameera.

Qondaala Raayyaa Ittisa Biyyaa naannwichaatti bobba’e keessaa Letenaal Koloneela Alamee Taaddalaa, bu’uura waliigaltee mootummaa fi hoggantootaa ABUT gidduutti raawwatameen walharkaa fuudhiinsa meeshaalee waraanaa garaagaraa gaggeessuu ibsaniiru.

ABUT meeshaaleen waraanaa Raayyaa Ittisa Biyyaatti galii taasisu eegalees taankiiwwan, madfiiwwan, rookeettiiwwan, zuuwwan, moortaarota fi kanneen biroo ta’uun eerameera.

Sirna walharkaa fuudhiinsichaa taajjabuuf koreen taajjabdootaa Gamtaa Afrikaa argamaniiru.

Koree taajjabdoota gamtichaa keessaa Birgaader Jeneraal Adiwaa Libukan Piitar, walharka fuudhiinsi meeshalee guguddaa gama lameeniin jalqabame adeemsa nageenyaa kan cimsu ta’uu ibsaniiru.

Mootummaa FDRI fi ABUT gidduutti hojiin nagaa buusuu eegalame kan dinqiisifatamu waan ta’eef ummataa fi qaamolee waliigaltecha hojiirraa oolchaa jiran galteeffachuu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.