Fana: At a Speed of Life!

Raayyaan Ittisa Biyyaa abbaa seenaa dheeraa fi seenaa sanarratti hundaa’uun Itiyoophiyaa kan ijaaruudha-MM Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Onkololeessa 15, 2016 (FBC)-Raayyaan Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa Abbaa seenaa dheeraa fi Seenaa sanarratti hundaa’uun Itiyoophiyaa kan ijaaruudhaa jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Guyyaa Raayyaa Ittisaa Biyyaa 116ffaa har’aa kabajamerratti argamuun MInistirri Muummee Dooktar Abiy ahimad ergaa dabarsaaniin Raayyaan Ittisaa biyyaa kan dhiigaa isaa dhangalaasu, Lafee isaa caccabsu, lubbuu isaa wareegu nageenyaa bu’uuressuu, nageenyaa bade deebisuu fi nageenyaa bu’uuressuufi ta’uu himanii, kanaaf Raayyaan Ittisa Biyyaa Humna nageenyaati jedhaniiru.

Kaayyoon ijoo Raayyaa Ittisaa Biyyaa badhaadhinaa mirkaneessuu fi nageenyaa bu’uuressuuf ta’uu kaasaniiru.

Raayyaan Ittisaa Biyyaa bakkaa hundaatti mallattoo nageenyaa, misoomaa, tokkummaa fi waloomaa ta’uu ibsanii, kanas itti fufsiisuuf riifoormiin gaggeeffamuu dubbatan.

Riifoormii gaggeeffameenis Raayyaa Ittisa Biyyaa Tokkummaa Itiyoophiyaatti amanu, ilaalcha siyaasaa kamirraayyuu walaba kan ta’e, ilaalchaan biyya isaa kan jaallatu birmadummaa ishee kan kabachiisu, maddaa nageenyaa ijaaruuf hojiilee bal’aan hojjetamuu kaasan.

Kana malees, Raayya Ittisaa Biyya humna qilleensaan, humna lafoon, humna galaanaan akkasumas saayibariin akka gurmaa’u ta’uu eeraniiru.

Kunis kaleessa, har’aa fi boru walitti hidhuun ga’umsaa barbaachisan utuu hinharcaasiin, sansakaa guutuun akka gurmaa’u dandeessisuuf ta’uu dubbataniiru.

Gurmaa’iinsi cimaan injifannoof kan qaqqabsiisuu waan ta’ef, kunis itti yaadamee kan hojjetamee fi bu’aa olaanaa kan argamsiiseedha jedhaniiru.

Dabalataan riifoormichaan dandeettii raawwachiisummaa kan qabu raayyaa meeshaalee ammayyaa’aa hidhate, loltummaa karoorsuu fi raawwachuu danda’uu ijaaruun akka danda’amee himaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.