Fana: At a Speed of Life!

‘Raayyaa Ittisaa Eertiraan miidhaan nu qaqqabaa jira’ jechuun ibsa Dabratsiyoon Gabramikaa’el laatan sobadha. – Meejar Jenaraal Mahaammad Tasammaa

Finfinnee, Sadaasa 1, 2013 (FBC)- ‘Raayyaa Ittisaa Eertiraan miidhaan nu qaqqabaa jira’ jechuun ibsa Dabratsiyoon Gabramikaa’el laatan soba ta’uu Daayrektarri olaanaan Indooktiriineeshinii Raayyaa Ittisa Biyyaa Meejar Jenaraal Mahaammad Tasammaa ibsan.

Meejar Jenaraal Mahaammad Tasammaa ibsa laataniin juuntaan duraan ajajan Kaabaa nu waliin hiriireera, Jeettiwwan waraanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa misaa’elan ni rukuna jechuun dhaadannoo keessa akka ture yaaddachiisaniiru.

Haata’uti wayita ammaa ‘Raayyaa Ittisaa Eertiraan miidhaan nu qaqqabaa jira’ jechuun ibsa Dabratsiyoon Gabramikaa’el laatan soba ta’uu ibsaniiru.

Hawaasni oduu sobaa garee finxaalessaa kana irraa faca’uun akka hin burjaajofne dhaamaniiru.

Tarkaanfiin garee kanarratti fudhatamuu cimee akka itti fufu ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.