Fana: At a Speed of Life!

Raayyaa humna namaa fi hidhannoon ammayyaa’e ijaaraa jirra – Dooktar Abrahaam Balaay

Finfinnee, Onkololeessa 14, 2015 (FBC) – Raayyaa humna namaa, hidhannoo fi yaadaan ammayyaa’e ijaaraa jirra jedhan Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisaa Dooktar Abrahaam Balaay.

Guyyaa Raayyaa Ittisaa sababeeffachuun mariin Paanaalii gaggeeffamaa jira.

Raayyaan yeroo ammaa ijaarramaa jiru Diina Ityoophiyaa qolachuu qofa osoo hin taane humna namaa fi hidhannoon kan ammayyaa’ee fi yaadaan kan ga’oomeedha jedhan Dooktar Abrahaam haasawa maricharratti taasiisaniiru.

Goota ummata keessa ba’ee ummatummaa isaa eegee gootummaan seenaa hojjetu ta’uu ibsaniiru.

Marii paanaalii kanarratti ‘Raayyaan Ittisaa Ityoophiyaa garamii garamitti’ mata duree jedhuun barreeffamni dhiyaateera.

Maricharratti miseensoonni Raayyaa Ittisaa yeroo ammaa fi kan durii akkasumas keessummoonni kabajaa argamaniiru.

Hayilayesuus Siyyuumtu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.