Fana: At a Speed of Life!

Raawwiin seeraa lammiilee biyya alaa gidduleessa taasise hin jiru-Ambaasaaddar Diinaa Muftii

Finfinnee, Sadaasa 9, 2014 (FBC)- Raawwiin seeraa lammiilee biyya alaa gidduleessa taasise hin jiru jechuun Dibbi Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftiin ibsaniiru.

Ambaasaaddarichi ibsa torbee laataniin dhaabbilee idil addunyaa fi imbaasiiwwan labsii yeroo muddamaan wal qabsiisee komii kaasaa jiraachuu himaniiru.

Labsichi walabummaa fi birmadummaa biyyaa kabachiisuuf seeraa ba’ee ta’uu kan himan ambaasaaddarichi raawwiin seeraa lammiilee biyya alaa gidduleessa taasisee kan hin jirree ta’uu himaniiru.

Kanaafis waraaqa eenyummaa, eeyyamaa konkolaachisaa fi sanadaa imalaa fayyadamuu ni danda’uu jedhaniiru.

Dhaabbileen deeggartoota idil addunyaa koomiin kaasaan fudhatama kan hin qabneedha jedhaniiru.

Ammas ijaarsa biyyoota diiguuf wanta nun hin qabnee kan uumaan oduuwwan hojjetamaa jiraachuus kaasaniiru.

Kanarra darbee dhiibbaa xinsammuu gaggeessaa jiraachuu kaasaniiru.

Biyyoonni Awrooppaa tokko tokkoo Ityoophiyaarratti dhiibbaa uumaa kan jiran yoo ta’uu, miidiyalee waliin tumsaan hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Wandasaan Araggaahaanyitu gabaase

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.