Fana: At a Speed of Life!

Raawwiin proojektii aspaaltii Aggaaroo-Geeraa-Meedaaboo haala gaariirra akka jiru ibsame

Finfinnee, Bitootessa 12, 2014 (FBC)- Naannoo Oromiyaa fi Kibbaa Lixaa Ityoophiyaa kan walqunnamsiisuu raawwiin proojektii aspaaltii Aggaaroo-Geeraa-Meedaaboo haala gaariirra akka jiru ibsameera.

Kiilo meetira 100 kan dheeratu proojektiin kun raawwiin isaa waliigalaa haala gaariirra jiraachuu daawwannaa hojii taasifameen gamaaggamameera.

Hanga ammatti sochiin hojiiwwan, dizaayiinii, ijaarsii kaampii, hojiin qotiinsa biyyee, cirracha oomishuu fi kanneen biroon haala gaariin raawwatamaa jiraachuu ibsameera.

Raawwii proojekticha baajata mootummaa Ityoophiyaatin kan ramadee Birrii biiliyoona dhibba 1 fi biiliyoona 70 fi miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 22 ta’uu ibsamuu ragaan Abbaa taayitaa daandiiwwan Ityoophiyaarra argame ni muul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.