Fana: At a Speed of Life!

Raawwiin misooma Boqoolloo %95 irra gaheera-Pir. Shimallis

Finfinnee, Waxabajjii 7, 2016 (FBC)- Raawwiin misoomaa Boqoolloo akka naannootti %95 irraa qaqqabuu Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan ibsan.

Pireezidaanti Shimallis gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, bara kana akka naannootti lafa hektaara miiliyoona 1.8 irratti Boqqoolloo misoomsuuf karoorfamee hojjettamaa jira.

Karoora kana keessaa, godinaaleen Gujii lameenitti, %17 yookaan hektaara kuma 330tti dhiyaatu kan qooddatan ta’uu kaasaniiru.
Godinaalee kanneenitti hanga ammaatti lafti hektaarri kuma 280 (%94 ) boqqoolloon kan uwwifame ta’uu ibsan.

Akka naannioottis lafti hektaarri miiliyoona 1.7’tti boqqolloon uwwifamuun raawwiin isaas %95’rra qaqqabuu himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.