Fana: At a Speed of Life!

Raawwiin karoora misoomaa bara 2015 Magaalaa Finfinnee gamaaggamaa jira

Finfinnee, Adoolessa 29, 2015 (FBC)- Gamaaggamni raawwii karoora misoomaa bara 2015 Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaamaatti gaggeeffamaa jira.

Waltajjichaan karoora misoomaa bara 2016’rrattis ni mari’atama jedhameera.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin, hanqinaa fi ciminoota adda baasuun, bara baajataa 2016’f barnoota ta’aa jedhan.

Jireenya jiraattota Magaalaa Finfinnee fooyyessuuf caalmaan yeroo itti qophoofnuu ta’a jedhanii, bara baajatichatti qofa pirojektoonni kuma 12 ol xumuramuu ibsaniiru.

Pirojektoota xumuraman keessaa kumni 5 ol mootummaan, hirmaannaa hawaasaan ammoo kumni 7 akka xumuraman kaasan.

Jireenya hawaasaa salphisaa aadaa hojii haaraan pirojektoota guguddaa xumuraa, Magaala Finfinnee jireenyaa fi hojiif mijattuu taasisuuf daran waggaa itti hojjetameedha jedhaniiru.

Milkaa’inaaleen galmaa’an, ce’umsa diinagdee fiduuf hoggansaa fi dhaabbata cimaa ijaaruuf bu’uuraa kan keenyuudha jechuun eeraniiru.

Hannaa fi hojmaata badaa, gabaasa sobaa, ta’e jedhanii ummataa dhamaasuu fi rakkoolee walfakkaatan biroo hambisuuf, sirna dhaabbataa ijaaruun tajaajilaa saffisaa fi haqa qabeessaa kennuurraa ga’uuf hoggansi akka cimu dubbataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.