Fana: At a Speed of Life!

Raawwiin ji’oottan 6’n darbanii Naannoo Oromiya qoratamaa jira

Finfinnee, Amajjii 6, 2016 (FBC)- Raawwiin karoora xiiqii ji’oottan jahan darbanii Naannoo Oromiyaa bakka Pireezidaantiin Naannichaa Obbo Shimallis Abdiisaa fi qondaaltonni biroon argamanitti qoratamaa jira.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa imala badhaadhinaa milkeessuuf karoora xiiqii saffisaan, baay’inaa fi qulqullinaan galamaa geessisuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuun ibsameera.

Kanaanis hojiin deeggarsaa fi hordoffii yeroo garaagaraa geggeeffamaa turuun, raawwiin ji’oottan ja’an darbaniis Bakka Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa fi hooggantoonni naannichaa argamanitti gamaggamamaa jiraachuu ragaan kominikeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Gamaaggama raawwii hojii kanaan gabaasni kilaastera misooma baadiyyaa, misooma hawaasummaa, misooma magaalaa, horataalee mootummaa, deeggarsaa fi hordoffii dhiyaachuun kan irratti mari’atamuu fi kallattiin hojii fuulduraa ni kaa’ama jedhamee eegama.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.