Fana: At a Speed of Life!

Raawwiin ijaarsa Hidha Haaromsaa % 76.35 irra ga’e

Finifnnee, Fulbaana 30, 2013 (FBC) – Raawwiin ijaarsa Hidha Haaromsaa Guddicha Ityoophiyaa % 76.35 irra ga’uu Ministeerri Bishaan, Jallisii fi Inarjii beeksisee.
 
Ministeeriichi dhimmoota Bishaan dhugaatii, Saaniiteeshinii, Jallisii, Inarjii, akkasumas yaa’aa fi bulchiinsa qindaa’aa qabeenya bishaanirratti raawwii kurmaan 1ffaa bara 2013 ilaalchisuun ibsa laateera.
 
Bara kana Tarbaaynoonni Hidha Haaromsaa lama anniisaa maddisuu kana eegalan ta’uu ibsameera.
 
Kurmaana kanatti ijaarsa Hidha haaromsa Guddichaa % 1.6 raawwachuuf karoorfamee %2.05 raawwachuun danda’amuu Ministirri Ministeera Bishaan, Jallisii fi Inarjii FDRI Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaan ibsaniiru.
 
Raawwiin ijaarsa hidhichaa kurmaana kana karooraa ol ta’uu ibsaniiru.
 
Kurmaana jalqabaa kana hidhaalee Jallisii bishaan humnaa ol kuufatan gara misoomaatti galchuuf hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.
 
raawwiin hojii waliinga’iinsa bishaan dhugaatii qulqulluu fi humna elektirikasa jajjabeessaa ta’uu Dooktar Injiinar Silashiin eeraniiru.
 
Balallii qilleensaa naannoo Hidha haaromsaa dhorkuun sodaa nageenyaa jiru hambisuuf akka ta’e dubbataniiru.
 
Akka EBCn gabaaseetti bara kana haaluma karooraan Tarbaayinoonni hidha Haaromsa Guddichaa lama anniisaa maddisiisuu ni eegalu.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.