Fana: At a Speed of Life!

Raawwiin dameewwan Diinagdee gurguddoon galma’e Diinagdeen Itiyoophiyaa % 7.9 guddachuu akka danda’u agarsiiftuu ta’uu ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 4, 2016 (FBC) –Baatiiwwan kurnan darban raawwiin dameewwan Diinagdee gurguddoon galma’e Diinagdeen Itiyoophiyaa % 7.9 guddachuu akka danda’u agarsiiftuu ta’uu ibsameera.
Manni Maree Ministirootaa Raawwiii hojii guyyoota kurnan darbanii bakka Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad argamanitti gamaaggamaa jira.
Bara baajataa kana Diinagdeen Itiyoophiyaa % 7.9 guddachuu akka danda’u raawwiin baatiwwan kurnan darban galmaa’e agarsiiftuu ta’u gamaaggamichaan ibsameera.
Ministirri Ministeera Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsum Asaffaan raawwii hojii guyyoota 100’n darbanii fi fooyya’iinsa mandhalee, akkasumas kallattiiwwan xiyyeeffannoo bara baajataa 2017 ilaalchisee gabaasa dhiyeessaniiru.
Baatiwwan kurnan darban Invastimantii alaa kallattiin Doolaara biiliyoona 3.2 hawwachuun danda’amuu eeraniiru.
Kunis kan bara darbee yeroo walfakkaatuun yoo madaalame % 14.3 caalmaa qabaachuu Dooktar Fitsum eeraniiru.
Mootummaan Galii Birrii biiliyoona 425 walitti qabuu fi kana keessaa Birrii biiliyoonni 271 galii biyya keessaarraa argamuu himaniiru.
Lammiilee miiliyoona 2.5’f carraan biyya keessatti kan uumame yoo ta’uu, lammiilee kuma 300 caalaniif ammoo biyya alaatti carraan hojii uumamuu dubbachuu TOI gabaaseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.