Fana: At a Speed of Life!

Raawwiin damee Albuudaa baatiwwan 8 darbanii gaarii fi abdii olaanaa kan muul’iseedha – Injiinar Taakkalaa Uumaa

Finfinnee, Bitootessa 10, 2014 (FBC) – Raawwiin damee Albuudaa baatiwwan 8 darbanii gaarii fi abdii olaanaa kan muul’iseedha jedhan Ministirri Ministeera Albuudaa Injiinar Taakkalaa Uumaan.

Injiinar Taakkalaan Hoggantoota Biiroolee Albuudaa naannolee waliin raawwii hojii baatii 8 gamaaggamuu fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Haala waliigalaa hojiirra oolmaa qabeenya uumamaa gamaaggamuu ibsaniiru.

Raawwiin baatii 8 darbanii damichaan argame gaarii fi abdii olaanaa kan muul’ise ta’uu himaniiru.

Yeroo itti aana qulqullinaa fi hamma oomisha gabaaf dhiyaatuu guddisuun sharafa alaa biyyattiif utubaa taasiisuuf kan itti deemamu ta’uu eeraniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.