Fana: At a Speed of Life!

Raawwiin baatiiwwan ja’aan darbanii Ityoophiyaa boqonnaa fooyya’aatti gama ceessisuun abdii kan kenneedha-Ministiroota

Finfinnee, Amajjii 23, 2015 (FBC)- Raawwiin walakkaa waggaa bara baajatichaa Ityoophiyaa boqonnaa fooyya’aatti gama ceessisuun abdii kan kenne ta’uu ministiroonni ibsan.

Fuuldurattis cinaa gaarii mul’atan itti fufsiisuu fi hanqinaalee mul’atan sirreessuuf xiyyeeffannaan akka hojjetamu mirkaneessaniiru.

Gamaaggamni raawwii walakkaa waggaa bara baajatichaa qaama ‘Maaddiin Biyyaaf’ ta’e ‘Keellaa Halaalaa’ bakka Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad argamanitti gaggeeffameera.

Raawwii dameewwanii keessaa raawwiin damee qonnaa keessumaa misoomni midhaanii bu’aa fooyya’aa galmeessuun eerameera.

Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen akka ibsanitti, dameen qonnaa ammalee bu’uura diinagdee Ityoophiyaati.

Waggoottan afuran darban damee qonnaan inisheetiivonni fi muuxannoowwan haaraan bocamanii hojiitti seenamuun jijjiiramni dhufuu eeraniiru.

Haaluma kanaan damechi akka biyyaatti bu’aan abdii qabeessi galmaa’uu himaniiru.

Ministirri Ministeeraa Indaastirii Malaakuu Allabal gama isaaniin, keessumaa sosochii ‘Ityoophiyaan Haa Oomishtuun’ damee oomishaarratti dadamaqiinsi mul’achuu kaasaniiru.

Walakkaa waggichaatti oomishaalee haaraa gabaatti dhiyeessuun akka danda’ame eeranii, gabaalee bira ga’uun hindanda’ame bira ga’uun akka danda’amees kaasaniiru.

Oomishaalee alaa galan kan biyya keessan bakka buusuurratti, hojiileen hojjetaman oomishaalee tokko tokkoo bakka buusuurraan kan hafe biyya alaatti erguun akka danda’ame ibsaniiru.

Ministirri Ministeera Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaan gama isaaniin, walakkaa waggaatti sirni barnootaa sadarkaan irraa jiru bu’aan akeeke galmaa’uu ibsaniiru.

Fuuldurattis rakkoolee jiraanirraa ka’uun furmaata waaraa akeekuuf dhiyeenyatti hojiitti kan seenamu ta’uu himaniiru.

Lammiileen manaa akka qabaataan taasisuuf hojiilee bal’aan hojjetamaa jiraachuu kan ibsan ammoo Ministiraa Ministeeraa Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saaniiti.

Baatiiwwan ja’anitti walta’iinsaa seektara dhuunfaan manneen kuma 100 ijaaruuf karoorfamee manneen kuma 80 ijaaruun akka danda’ame eeraniiru.

Gamaaggamni raawwii baatiiwwan ja’aa gaggeeffamaa tures xumuramuu TOI gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.