Fana: At a Speed of Life!

Raawwii oomisha qamdii jallisii hanga ammaa fi kallattii fuulduraatti mariin gaggeeffame

Finfinnee, Muddee 25, 2013 (FBC) – Rawwii oomisha qamadii jallisii hanga ammaa jiruu fi marsaa 2ffaaf qophii taasifamu jiruu ilaalchisee hoggansa sadarkaa olii hanga aanaatti jiran waliin mariin gaggeeffame.

Rawwii oomisha qamadii jallisii hanga ammaa jiruu fi marsaa 2ffaaf qophii taasifamu, hojii qonna arfaasaa fi boneerratti akkasumas hojii misooma qabeenya uumamaa bara kana gaggeeffamu, kallattii fuula duraa ilaalchisee hoggansa sadarkaa olii hanga aanaatti jiran waliin mariin gaggeeffame.

Oomisha alaa galu bakka buusuuf qamadii jallisiin misoomsuuf hojii hojjetameen marsaa 1ffaan lafa heektaara kuma dhibba 1 fi kuma 60 misoomsuuf galteewwan barbaachisu hunda dhiheessuun godina 21 aanaalee 261 keessatti hojiitti galamuu ibsameera.

Hektaara kuma dhibba1 fi kuma 60 marsaa 1ffaan qamadii oomishuuf karoorfame keessaa hanga Muddee 23, 2013 lafti hektaarri kumni 85 misoomuu ibsameera.

Karoora jallisii marsaa 2ffaan lafa hektaara kuma dhibba 2 fi kuma 79 fi 500 misoomsuuf karoorfamuu ragaan Biiroo Qonnaa fi qabeenya uumamaarraa argame ni muul’isa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa.

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.