Fana: At a Speed of Life!

Raawwii fooyyeessa Diinagdee Gooroo hordofee kuufamni Sharafa alaa Baankoota %80’n dabaluun ibsame

Finfinnee, Fulbaana 22, 2017 (FBC) –Hojiiraa oolmaa fooyyeessa diinagdee Gooroo hordofee kuufamni sharafa alaa Baankoota %80’n dabaluu Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Maammoo Mihraatuun ibsan.

Raawwiin Fooyyeessa Diinagdee Gooroo baatiwwan laman darbanii Bakka Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad argamanitti har’a gamaaggamameera.

Hojiiraa oolmaa fooyyeessi Diinagdee Gooroo hordofee daldalaa alaan bu’aa gaarii galmaa’uu dubbataniiru.

Raawwiin Baatii Fulbaanaa daldalaa alaan galmaa’ee bara darbee yeroo walfakkaatan yeroo madaalamu %53 caalmaa qabaachu ibsuu TOI gabaaseera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.