Fana: At a Speed of Life!

Raashiyaan Yuukreenitti haleellaa qilleensaa cimaa ta’e raawwachuu ibsame

Finfinnee, Mudde 19, 2016 (FBC) – Raashiyaan Magaaloota Yuukreen hedduu keessatti haleellaa qilleensaa olaanaa ta’e raawwachuu ibsameera.

Ganama har’aa magaalonni akka Kiiyev, Odeessaa, Diiniipirootiroovisik, Kaarkiiv fi Liiviiv Misaa’eelootaa fi Xiyyaaroota nama maleessaan haleellamuu ibsameera.

Yuukreen Dooniwwan Waraanaa Raashiyaa Buufata Kireemiyaa Feeyoodoosiiyaatti argamu barbadeessuu hordofee Raashiyaan haleellaa kana raawwachuu ibsameera.

Haleellaa kanaan lammiileen Yuukreen hedduun miidhamuu fi bu’uraaleen misoomaa magaalota kanneen barbaadaa’uu BBCn gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.