Raashiyaan walitti hidhamiinsi Afrikaa akka cimuuf nan deeggara jette
Finfinnee, Bitootessa 17, 2017 ( FMC) –Raashiyaan walitti hidhamiinsi biyyoota Afrikaa akka cimuuf kan deeggartu ta’uu beeksifte.
Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Raashiyaa Ivgeenii Tarkihiin Dura Taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahaammud Alii Yusuuf waliin haala waloon hojjechuu danda’anirratti mari’ataniiru.
Qaamoleen lameen walitti bu’iinsa karaa nagaan furuun haala danda’amurratti akkasumas Mootummoota Gamtoomaniitti Afrikaa ilaalchisee ejjennoo Raashiyaan qabdurratti mari’ataniiru.
Tattaaffii tumsa biyyoonni Afrikaa waliin qaban cimsuuf taasifamu Raashiyaan gama maraan akka deeggartu Ambaasaaddar Ivgeenii Tarkihiin ibsaniiru.
Mahaammud Alii Yusuuf gamasaaniin, kutannoo Raashiyaan Afrikaa deeggaruuf agarsiiste dinqisiifachuu isaanii ragaan Embaasii Raashiyaa Itiyoophiyaatti argamurraa argame ni mul’isa.