Fana: At a Speed of Life!

Raashiyaan sarara ijoo boba’aa gara Awurooppaatti dhiyeessu dhaabsiste

Finfinnee, Adoolessa 4, 2014 (FBC) – Sababa suphaa sarara boba’aa gaazii ijoo Noordi Istriin 1ffaarratti gaggeeffamuun gara Awurooppaatti boba’aan dhiyaatu yeroof dhaabbachuu Raashiyaan beeksifte.

Sararri Nordi Istriin Galaanaa Baalaastik irraan gara Jarmaniitti sarara boba’aa gaazii Raashiyaarraa dhiyeessuudha.

Hoji Gaggeessan Sarara Nordi Istriim akka jedhutti, sababa suphaatiin sararichaan gaaziin dhiyaatu guyyoota 10’f hojii dhaabeera.

Guyyootan kanneenitti gaaziiwwan sararicha keessa darbaan guutummaatti kan dhaabbatan ta’uu eeruun.

Sararicha hojii dhaabsisuun dura dhaabbilee gaaziin dhiyaatuuf waliin waliigalamuu fi beeksifamuun eerameera.

Baatii darbe dhaabbanni Inarjii Raashiyaa sababa rakkoo oppireeshiniirrattii mudataa jiruuf boba’aa sararichaa keessa darbu %60 hir’isuuf murteesse turuun kan yaadatamuudha.

Ta’us Ministirri Dinagdee Jarman Roobert Habeek “murtee siyaasaati” jechuun eeraniiru.

Haa ta’u malee qondaaltonnii fi ogeeyyin indaastirii tokko tokko yaada kennaa jiraniin Ardichatti hanqinni boba’aa gaazii akka mudatuuf Raashiyaan akka raawwachuu hinoltu jechuun soda qaban ibsa jiru jechuun RT’n gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.