Fana: At a Speed of Life!

Raashiyaan oomishaalee midhaanii biyyoota alaaf dhiyeessitu yeroof dhaabuu ibsite

Finfinnee, Bitootessa 7, 2014 (FBC) – Raashiyaan oomishaalee midhaanii biyyoota Awurooppaa Bahaa, Giddugalaa Eeshiyaa fi  Lixaaf  dhiyeessitu yeroof dhaabuu ibsite.

Biyyattiin qoqqobbiiwwan dhimma Yuukreeniin walqabatee isheerra kaa’aman dabalaa dhufuu hordofee fedhii nyaataa biyya keessaa eeguuf jecha yeroof oomishaalee midhaanii callaa gara biyyoota alaatti kan hin ergine ta’uu ibsiteetti.

Akkaataa murtoo Muummee Ministiraa Raashiyaa Miikaahiil Miishuustiiniin darbeen biyyattiin hanga baatii bara faranjootaa Waxabajjii dhufuutti  oomishaalee qamadii, omborii, garbuu fi kanneen biroo gara biyyoota kanneeniitti kan hin ergine ta’uu beeksisteetti.

Haa ta’u malee Ittaanaan Muummee Ministiraa Viiktooriyaa Abraamcheenkoon oomishaalee kanneen sadarkaa nama dhuunfaatti kan eeyyamame kan hin dhorkamne ta’uu ibsaniiru.

Biyyattiin bara faranjootaa 2021 hanga 2022 oomisha qamadii gadi aanaa walitti qabuu hordofee dhiyeessiin gabaa alaashee 1/3 hir’achuu RTn gabaaseera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.