Raashiyaan maddeen anniisaa Yuukreen irratti haleellaa Qilleensaa olaanaa raawwachuu ibsame
Finfinnee, Sadaasa 8, 2017 (FBC) – Raashiyaan erga Waraanni Raashiyaa – Yuukreen eegalee as haleellaa qilleensaa cimaa jedhame maddeen Anniisaa Yuukreen irratti raawwachuu ibsameera.
Raashiyaan misaa’eloota 120,akkasumas Xiyyaarota nama maleeyyii 90 fayyadamuun kutaalee bulchiinsa Yuukreen hunda keessatti haleellaa kana raawwachuu Pireezidaantiin Yuukreen Viloodmiir Zelaniskiin ibsaniiru.
Haleellaawwan kunis bu’uraalee misoomaa maddeen Anniisaarratti kan qiyyeeffate ta’uu fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin himaniiru.
Sababa kanaan naannawaa Yuukreen hedduurraa humni Elektirikaa adda cituu ifoomsaniiru.
Pireezidaanti Zelaniskiin biyyattiin qiyyeeffannoowwan 140 qolachuu eeruu BBCn gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia