Fana: At a Speed of Life!

Raashiyaan Maariipoolitti guyyoottaniif waraana kan  dhaabdu ta’uu beeksiste

Finfinnee, Eebila 27, 2014 (FBC) – Raashiyaan Maariipoolitti guyyoottan sadiif waraana kan  dhaabdu ta’uu beeksisuu gabaafameera.

Biyyattiin warshaa sibiilaa Azoovoostaal to’annoo Raashiyaa jala jiru keessaa lammiilee nagaan akka ba’aniif ta’uu Ministeerri Ittisa Biyyaa Raashiyaa beeksiseera.

Waliigateen dhukaasa dhaabuu kun har’a irraa eegalee guyyoota sadiif kan turu ta’uu ibsameera.

Murtichi lammiilee nagaan karaa nagaan akka ba’anii fi sararoonni namoomaa akka banamaniif darbuu Ministirri Ministeera Raashiyaa Sargeey Shooyiguun ibsuu RTn gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.