Fana: At a Speed of Life!

Raashiyaan lammiilee Biriitaaniyaa 54 irra qoqqoobbii keesse

Finfinnee, Hagayya 14, 2015 (FBC) – Raashiyaan lammiilee Biriitaaniyaa Geezxeessitootaa fi bakka buutoota seera kabachiiftootaa 54 irra qoqqoobbii kaa’uu beeksiifte.

Biriitaaniyaan adeemsa farra Raashiyaa hordofaa waan jirtuuf lammiilee isheerra qoqqoobbiin kaa’amuu Ministeerri Dhimma Alaa Raashiyaa ibsa baseen himeera.

Ministirri Alaa Aadaa, Miidiyaa fi Ispoortii Luusii Fireezarii ministir Deetaan Ministeera Raayyaa Ittisaa Biriitaaniyaa Anaabeel Gooldiin kanneen qoqqoobbiin irra kaa’ame keessaa isaan muraasa ta’uu eerameera.

Geezexeessitoota BBC, Gaardiyaanii fi Deeyilii Teeleegiraafis qoqqoobbii kana keessatti hammatamuu CGTN gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.